Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaansa Lammiiwwan Afrikaa Seeraan Ala Gama Morookoo fi Ispeenin Godhan Ittisuuf Xiyyeeffannan Kennamaa Jira


(Suuraa Faayilii)
(Suuraa Faayilii)

Godaantonni Afrikaa irraa gara Awurooppaatti imalan, daandii isaanii gama dhihaatti ennaa jijjiirrataa jiran kanatti, seeraa-ala dhala-namaa daddabarsuu Morookoo fi Ispeen gidduutti hariitiin dabalaa jiru dhaabsisuu yaaluuf jecha, hoogganoonni Awurooppaa qiyyaafannaa fi maallaqa isaanii gara sanatti deebisanii jiran.

Aagawonni Gamtaa Awurooppaa fi Morookoo torban dabre keessa garqaarsa doolaara miliyoona dhibba tokkoo fi miliyoona jaatama waliif mallatteessuudhaan, Morookoo biyya Afrikaa dhibba kanaaf gargaarsa ol’aanaa ishee duraa fudhattu taasisanii jiran.

Dubbi-himaan mootummaa Morookoo – Musxafaa El Kaliifii akka jedhanitti, maallaqichi eegumsa daangaa Morookoo cimsuuf kan oolfamu , gara doolaara miliyoona shantamaa ka tahu, daandii galaanaa Morokoo irraa gara Ispeen geessu eeguu fi daangaa gammoojjii dheeraa biyyattii fi Aljeeriyaa, akkasumas Moritaaniyaa gidduu jiru eeguuf kan oolfamu tahuun beekamee jira.

Haga ammaatti naga-eegdota kuma 13 bobbaase – jetti – Morookoon.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG