Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nama Shakkamee Jedhan Angawoonni Amerikaa Qabanii Jiru


Mi’a maramaa fi shakkisiisaa ta’e 12 iddoo adda aaddaa tti erguu waliin hidhata qaba jechuun nama shakkame aangawoonni Federaalaa har’a qabuu isaanii aangawoonni ministeera haqaa beeksiisan.

Dubbi himtuun ministeera haqaa Sarah Flores akka jedhanti/ anagawoonni Odeeffannoo dabalataa tuuta oduuf gara boodaa labsuuf

jiru.

As Yunaaytid Isteets keessatti mi’a gidduu kana xaxamee namatti ergamu inni 11ffaan Jimaata har’a Demokraaticha Senaatar Korii Bookar ti ergamuuf ture qabamuu ibsee jira. Dhaabati Oduu CNN fi sabaa himaan kanneen biroon akka gabaasanti inni 12ffaan Daayreekteera basaasaa ka duraanii Jeemes Klaapariif ergame.

Klaapar har’a ganama CNN irratti dhiyaachuun akka ibsanti ana irratti qiyyaafatamuu isaa ajaa’iiba natti hin taane.Garu gochaan akkasii kun dhimma ilaalacha jabaa argachuu qabu jedhan.

Dhaabbatti humna seera hojii irra oolchu akka jedhutti Floridaa keessatti qabame.Waajirri qorannaa Federaalaa ykn FBI akka jedheetti wanni ergamee kun isuma kan Baaraak Obaamaafaa fi kanneen birootti ergamee waliin wal fakkaata.

Qorattonni mootummaa Federaalaa waajiroota Postaa kanneen Floridaa keessaa Kamiisa kaleessaa kaasee sakata’aa jiru.

Kunis Bombii ujummoo xixxiqqaa keessa ka’amuun ergaman kana keessaa yoo xiqqaate tokko Floridaatti hojjatame jedhanii eega murteessanii booda.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG