Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Ajjeechaa Gaazzessicha Saawudii Qulqulleeffachuuf Qornnaan Itti Fufee Jira


Saawudii Arabiyaan reeffi gazzexeessicha lammii ishee ajjefamee Jamal Khashoggi eessa akka jiru akka beeksiiftu prezidaantiin Tarkii Recep Erdogan har’a gaafatanii jiru.

Kana malees Tarkii keessaatti reeffa gazzexeesichaa eenyu akka awwaalee fi eenyu kana akka qindeesse nu beeksiisaa, jedhan Edrdogan.

Prezidaant Erdogaan miseensoota paartii kutaaf akka ibsantti, Tarkiin ajjeechaa gazzexeessichaa kan ilaaleen ragaa dabalataa qabdi, jedhanii garuu gad-fageenyaan hin ibsiin hafan.

Abbaan alaangaa mummichi kan Saa’udii Dilbata dhufu Tarkii seenuun aangawoota biyyattii wajjiin wal arganii waa’ee ajjechaa gazexxesichaa qorannaa gaggeessu.

Ragaa Tarkiin dhiyeessite irratti hirkachuun ajjechaan gaazzexxeessaa kanaa dursee kan karoorfame, isa jedhu Saawudiin kamiisa kaleessaa ibsa baasteen fudhatama kennitee jirti. Kan hin baramiin jiru eenyuu tu qindeessee? ka jedhu qofa. Gama kaaniin qabsaa’onni Tarkii keessaa Kamiisa kaleessaa galagala bakka gazzexeesichi ajjefametti dungoo qabsisuun sirna yaadannoo gaggeessanii jiru. Gabaasaa guutuu caqasaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG