Mohaammad Saalaa daqiiqaa 10essoo irratti tokko jedhee jalqabsiise,Sadio Mane lama keessa naqe,Xherdan Shaqiri tokko irra buuse Liver Pool akkanuma tottolachaa tapha guyyaa dheengaddaa irratti Cardif City dhaantee moote.
Kilaboota kubbaa miilaa ingiliiz,EPL, ta Ispaanish La Liga, ta Xaliyaanaa Serie A ta Faransaay League 1 jetta moo kilabootii kubbaa miilaa addunyaa gamuma gamaan wal dhahuutti jirti.
Guyyuma sun Watford ammoo Huddersfield gaafasuma Bournemoth ammoo Fulham 3-0 dhukkeessan. Kilabiin kubbaa miilaa Faransaay Paris St-Germain ammoo kilabii duruu mataan wal qabde Marsillee goolii 2 lama itti galchee duwwaa galchite.
Goolii qaraa Kylian Mbappe akkuma jijjiiranii seeneen daqiiqaa 65essoo irratti keessa buufatee goolii lammeessoo ammoo Julian Draxleritti ammoo saatii hobbaate irra buuseefii 2-0 galchan.
Mbappe gurbaa ganna 19ti lammii Faransaayii fi Kaameruuniiti.Gurbaan ganna 19 kun nama tapha kubbaa miilaaitin guddoo faarsanii adoo hardha gurguratanii euro miliyoona 160 baasa.
Barseloonaalleen kilabiin mataa wal qabde Real Madrid 5-1 irraa galchite.Luis Suhaarez goolii sadii itti guurrate.
Filippee fi Aruurulleen goolii 1-1 irra bubuusanii Baarsaan goolii shaniin mataa dhaabaa galte.Kilabootii kubbaa miilaa Xaliyaanaa Serie A faatilleen dorgommiitti jiran.
Kiristiyaan Ronaldoo tapha kilabiin isaa, Juventus guyyaa dheengaddaa Empoolii waliin taphattee 2-1 moote irratti goolii lama keessa buufate.
La Liga keessallee Celta Vigon ammoo tapha kalee irratti Eibar 4-0 garafte.Tana keessaa Iago Aspas goolii sadii galfate.Bireyis Mendez ammoo goolii tokko irra buufate.
Itoophiyaa
Dorgommii pirimiyiyeer Liigii Itoophiyaallee itti jiran.Magaalaa Hawasatti qabxii 3n dura jira.
Maqeleen qabxii 3n itti aana.Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Buna Sidaamaa fi Buna Itoophiyaatti qabxii 3-3 qaba.Kilabii pirimiyeer Liigii Itoophiyaan 16n keessaa kialbiin Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaariit fi Bulchiinsa Magaalaa Adaamaati.
Abbaan kilabii Leicester City F.C ya du’e
Abbaa fi itti gaafatamaan kilabii kubbaa miilaa Leisersityy dureessii horii biliyona hedduu qabu Vichai Srivaddhanaprabha guyyaa dheengaddaa xuyyuurii lafaan dhabee du’e.Namii kun dhalootaan Taaylaandi nama ganna 61ti.
Xuyyuurii isaa kun guyyaa dheengaddaa istaadiyuma kilabii isaa biratti lafa dhahee namii achi keessa shananuu dhumate.
Namii kun kun dureessa ciccitaa horii biliyoona hedduu qaba nama garaa naasoo jedhanii guddoo jaalaan.Dhaabii isaa doolara biliyoona 3 fi 800 qabaa kilabii tanallee ganna 8n duratti doolara miliyoona 39n bitate.
Leicester City kilabii EPLti shaampiyoonaa EPL bara 2015-16ti.