Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Xiyyaara Indoneeziyaa


Aangawoonni Indooneziyaa, xayyaarri LION AIR jedhamu, magaalaa Jaakaartaa irraa imaltoota 189 fi hojjetoota isaa fe’atee akkuma daqiiqaa 13 balali’etti bishaan keessatti kufee caccabuu isaa fi barbaacha haga ammaa geggeessameen kan lubbuun irraa hafe akka hin jirree dubbatanii jiran.

Dhaabbatni barbaachaa fi baraarsaa hojjetoota isaa, battaluma, bakka xayyaarichi itti kufee caccabe, odoolaa Jaavaa irraa gama kaabaatti ka bobbaase yoo tahu, haga ammaatti caccabaa xayyaarichaa fi reeffa namoota hedduu irraa kan hafe, nama lubbuun jiru akka hin argiin beeksise.

Xayyaarichi akka sa’aatii Indooneeziyaatti barii barraaqa sa’atii ja’aa fi digdamatti kuftee caccabde.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG