Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Guyyaa Xiqqoon Hafee Traamp Demokraatoota Hammeessuu Itti Fufanii Jiran


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donald Traamp godaantoota biyya alaa kanneen Amerikaa keessatti hin galmaa’iin jiran irraa yaaddoo haaraa horatanii jiru.Kunis Kibxata dhufu filannoon guutuu biyyaa kan miseensoota Kongreesaa gaggeeffamuuf guyyaa xiqqoon lafa hafeetti.

Beeksiisa duula filannoo kan falmisiisaa ta’e Twitarii ofii-irratti kan maxxansan Traamp Demokraatonni lammii biyya Meeksiskoo kan yeroo lama Amerikaa keessaa akka ari’ame Luis Brakamontes Amerikaa keessa akka turu godhan jechuun ragaa tokko malee falman.

Lammiin Meksikoo kun bara 2014 kaaliforniyaa keessatti qoondaaloota polisii lama ajjese kan jedhu beeksiisi Twitarii ofii irra ka’an kun lammiin Meksiskoo kun sichiin polisoota biraa iyyu ajjesaa jechuun ennaa dhaadatu fi yakka ilaalcha mana murtii keessatti ennaa kolfuu agarsiisa.

Namnii seeraan ala biyya keenya seene Luis Brakamontes nama keenya ajjese, kan jedhu beeksiisii Vidiyoo kun Demokraatonni garu biyya kana keessa akka turu ehaman… akka inni biyya kana keessa turu godhan jedha.

Vidiyoon biraa immo uummanni kuma hedduun eenyummaan isaanii hin beekamne bakka iddoon isaa hin beekamneetti dallaa ijaaramee cabsuun gaafa Amerikaa seenan seenan kan agarsiisuu yoo ta’u Demokraatoota malee eenyuu akka seenan ehamaa? Jechuun gaafata vidiyoon maxxanfame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG