Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaampaaniin Guugl Mormiin Isa Mudataa Jira


Eshiyaa keessatti kanneen Kaampaanii Guugliif hojjatan dhibba hedduun hokkara saalaa gaggeeffamuu fi naamuusa bakka hojii kan ilaaleen mormii qaban agarsisuuf jecha Kamiisa har’a yeroo gabaabaaf hojii dhisanii ba’an.

Hojjatoonni dhaabataa fi kanneen biroo kontraataan hojjatan dabalatee kaampaanilee Guugl addunyaa irra irra hedduun isaanii dubartoota kan ta’an har’a mormii wal fakkaataa dhageesisuu jedhamee eegama.

Kunis gaazexaan New York Taaymis torban darbe kaampaaniin Guugl dolaara miliyoona hedduu dhiroota aangoo gurguddaa irra jiran badii isaanii rawwatan dhoksee dolaara miliyoona hedduu baasaaf jechuun eega gabaasee booda mormiin kun hammaate.

Gabaasnii Gazexaa kanaa akka jedhutti Guugl bara 2014 keessa dolaara Miliyoona 90 kan yeroo sana itti aanaa prezidaantii gameessa turan Andy Rubiniif baase.Kunis hokkara saala irratti hundaa’ee gaggeesse eega jedhamee booda.Rubin garu himannaa irratti dhiyaate haalan.Googl gama isaan falmii gaggeesse hin qabu.

Erga baatii tokkoo as akkaataa qabiinsa hojjatoota dubartoota fi sabxiqqaalee foyyeesuuf akkasumas namoonni gosa adda addaa kaampaanii sana keessaa akka carra hojii argatan gochuuf sochii jiru New York taymis jajjabeessee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG