Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lubbuu Nama 11 Galaafate Namnii Jedhame Balleessaa Hin Qabu Jedhe


Mana amantaa Jushotaa kan Pittisburg keessatti nama 11 ajjesee jedhamuun mana murtii federaalaa duratti har’a himannaan 44 irratti dhiyaate Robart Bowars balleessaa hin qabu jedhee jira.

Umriin isaa 46 kan ta’e Bowars himati irratti dhiyaate yakka ajjechaa fi jibba kan of-keessaa qabi yoo ta’u yeroo mana murtii duratti yeroo gabaaf dhiyaate himata irratti dhiyaate kan hubatee fi balleessaa akka hin qabne qofa dubbate.waan biraa hin dubanne.

Abbaa alangaa mummichi Jeff sessions waa’ee yakka ilaalcha kanaa ennaa ibsan himatii yakkaa irratti dhiyaate hammeenya dubbachuun nama dhibuu fi safuu biyya kanaa walumaagala kan faalleesse jedhan.

Kanaaf dhimmi kun namoota midhaan irra ga’ee fi maatii namnii jalaa ajjefamaniif qofa otoo hin taane magaala pitiisberg fi guutuummaa biyyattiif barbaachisaa dha jedhan.

Namoota ajjefamaniif sirnii awwaalchaa isaanii kamiisa har’a kan itti fufuu ta’uun beekamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG