Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qaamii Xayyaara Indoneeshiyaa Kan Odeeffannoo Baatu Argamee Jira


Xayyaara Indoneshiyaa kan wiixata darbee ganama akka lafa gadhisee ka’e daqiiqaa muraasa booda galaana Java keessatti kufee Laayan Eer kan ta’e saanduuqa odeeffannoo qabu kan “Black Box” jedhamu humnii galaana biyyatti galaana keessaa arguun isaa beekamee jira.

Kanneen galaana daakanii seenuun baasan kun gabaastoota Televiziyoona naannoof har’a akka ibsanti mi’a sagalee waraabame qabatee jiru tokko qofa galaana jalaa arganii baasanii jiru.

Caccabaa xayyaarichaa Bo’iing 737 kana argachuuf baraarsitoonni ituu wal irraa hin citiin hojjataa kan jiran yoo ta’u xayyaarri kun erga ka’e booda maaltu akka isa mudate odeeffannoo akkaan barbaachisaa ta’e qaba.

Kana malees balalisaan xayyaarichaa sa’atii dhumaa gara dirree xayyaarratti deebi’uuf qunnamtii dhumaa inni warra lafa irra jiru waliin godhebaatee jira.

Angawoonni Robii kaleessaa akka jedhanti xayyaarri kun dhuma irratti samii irraa eega dhabamee booda eessatti akka kufee jiru baranii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG