Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hudhanii Eega Ajjesanii Booda Qaama Isaa Kukkutan: Abbaa Alangaa Mummicha


Gazexxesaan lammii saa’udii Jamal Khashoggi qonsilaa biyya isaa kan Istaanbul jiru akkuma seeneetti battalumatti hudhamee ajjefamuu fi sana booda qaamii isaa kukkutamuu abbaan alangaa Tarkii dubbatanii jiru.

Saa’udiin namoota ajjechaa kana keessaa harka qaban 18 kanneen hitee jirtu akka dabarsitee kennituuf Tarkiin gaafataa ituu jirtuu abbaa alangaa mummichi Ifran Fidan barreeffamaan ibsa kana kan baasan.

Khashoggiin qonsilaa biyya isaa kan Istaanbul jiru kan deeme Onkolooleessa 2 darbee kana yoo ta’u dubartii lammii Tarkii taate waliin cidha gaa’ilaa rawwachuuf waraqaa barbaachisu baafachuuf ture.

Dubartiin inni fudhuuf turees nannoo embaasichaa dhaabachuun isa eegaa turte.Garu erga seenee booda deebitee hin argine.

Prezidaantiin Tarkii Recep Erdogan akka angawoonni sa’udii namoota Tarkii keessaa reeffa Gazexxesichaa awwaaluun shakkaman akka beeksiisan gaafatanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG