Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maatiin Gaazexeessaa Kaashoogii Reeffi Isaa Akka kennamuuf Gaafatan


Kaadhimaa Jamaal Kaashogii, Haatis Senigiz
Kaadhimaa Jamaal Kaashogii, Haatis Senigiz

Maatii fi hiriyoonni gaazexeessaa lammii Saudii Jamaal Kaashoggii reeffi isaa maatiif kennamee sirnaan akka awwaalamu gaafatan.

Nuyiif dhimmi duraa reeffi qaama Kaashoogii gar tokkeen nuu kennamee fedhii isaa guutuu dhaan Mediin aa bakka awwaalchaa Munawara kan Jannatul Baqi keessaatti awwaaluu dha.

Kun akka dhugoomu barbaanna. Reeffi isaa akka nuu kennamu addunyaa guutuun dhiibbaa sadarkaa addunyaa mootummaa Saaudii irra kaa’ee akka inni awwaalamu akka godhamu gaafanna jedhan

Roobii darbe prezidaant Doonaald Traamp yoo hoogganoonni Saaudii kaashoogii ajjeesuu ilaalchiseeisaan ganan ta’e gaafatamanii

Na ganan miti. Lakki. Hundumtuu ni sirrata jedheen abdadha. Ragaa hedduu qabna. Waan qorataa turre hedduu qabna. Na hin gnne. Tarii of ganan ta’a jedhan

Xiinxaltoonni hangi tokko akka jedhanitti Saaudiin Kaashoogii ajjeesuuf dura i9rra haalanii booda irra immoo maal akka irra ga’e ibsa adda addaa kennuun gonfoo dhaaltuu Saaudii bin Salmaniin haala hamtuu keessa galchee jira.

Kaan immoo US amma Saudii irra daran dhiibbaa kaa’uu dandeessi, walitti bu’iinsa lubbuu galaatatu kan Yemen keessaa bakka yeroo ammaa uummata biyyattii miliyoona 14 afaan beelaa akka bu’an godhee keessaa akka dhaabdu dhiibbaa ni keessi jedhu.

Kibxata darbe ministriin dhimma alaa Mike Pompeo imaammata US ijoo jijjiiruu dhaan yeroon amma lola Yemen keessaa dhaaban amma jedhanii jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:08 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG