Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Israa’eel Keessaa Haalli Keenya Amma Iyyuu Abdachiisaa Miti Jedhu


Mikaa’el Afeworqii lammii Eertraa ti. Torban jalqabaa Israa’eliin seene ni yaadata. Maallaqa homaa hin qabu. Paarkii Tel Aviv tokko keessa ciisaa ture.

Waggoota saddeet booda amma afaan Hebruu bareechee beeka. Ijoolleen isaa lama Israa’eliti dhalata, bakki kun amma iyyuu lafa jireenya koo miti jedha.

Amma iyyuu akka jiraataa asiitti hin simatamne. Ani homaa iyyuu miti asitti. Waan akka qilleensa keessa jiruu ti. Nyaatuma guyyuu qofan argadha. Bor waan ta’uuf jiru hin beeku. Anii fi ijoolleen koo eeyama biyya kanaa hin qabnu jedha.

Lammiiwwan Israa’el waaltaa baqattootaa Afriikaa Tel Aviv keesa jiru keessatti kanneeb dadhata siyaasaa barbaadan gargaaran hawaasa kana keessatti bor maal ta’a jechuun jiraachuun dhiphina dhaqqabsiise hubatu.

Namoota kuma 40 ta’an kanneen dadhata siyaasaa gaafatantu viisaa addaa argachuu dhaan Israa’el keessa hojii irratti bobba’anii jiru. Manni murtii ol aanaa Israa’el ijoolleen isaanii brnoota tolaa akka argatan ajajee jira. Haa ta’u malee bu’aa ka biros ta’e kunuunsa eegumsa fayyaa hin argatan.

Seerri Israael haaraan hojjettoonni mindaa isaanii dhibba irraa harka 20 herrega baankii addaatti akka ol kuusan gaafate, kunis ennaa isaan Israalii deeman deebi’aaf jedhame.

Kanneen dadhata siyaasaa gaafatan hangi tokko garuu kanneen isaan hojjechiisan maallaqa isaanii mindaa isaanii irraa kutu garuu maallaqi sun eessatti akka kuufamaa jiru galmeen mul’isu hin jiru jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:38 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG