Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu Galtoonni Ameerikaa Waaltaa Gara Daangaa Yuntaaytid Isteetsitti Yaa’aa Jiran


Gareen koolu galtoota Ameerikaa waaltaa irra hedduun isaanii lukaan gara ameerikaatti yaa’aa jiran. Imalli isaanii kun har’a meexikoo ga’uuf jecha.

Konkolaataa karaatti argatan kadhatanii kaan immoo daandii gabaabaa gara magaalattiitti geessu barbaaduu dhaan imalaa jirn.

Koolu galtoonni hedduun kuma 4tti tilmaaman daangaa US irraa fageenya km hedduu irratti argamu.

Gama ibraan koolu galtoonni Ameerikaa waaltaa irraa yaa’an kun mata duree falmii filannoo marsaa walakkeessa US ta’anii jiran.

Traamp duula filannoo geggeessan irratti haasaa dhageessisaniin, deebi’aa seernaan ala US seenuu hin dandeessan jedhan. Koolu galtoonni yaa’aa jiran kun yakkamtoota, namoota gara jabeeyyii yoo jedhan, gaazexeessonni koolu galtoota kana waliin imalan garuu irra hedduun isaanii dubartootaa fi ijoollee dha jedhan.

Fuulli Twiterii Hoogganaa Amantii Paakistaan Tokko Ni Uggurame

Dhaabi Twiterii hoogganaa amantii Paakistan kan yaada dubbii tuqatu abbaa murtii biyyattii, muummichia ministeeraa fi waraana ilaalchisuun maxxansuu isaaniif fuula twitter isaanii ugguree jira. Hoogganaan amantii paakistan kun dubartii maqaa amantii Islaamaa xureessite jedhamuun himatamnte akka gad dhiisamtu murtaa’uu isaa mormuu dhaan ture.

Paakistaan tajaajilli social miidiyaa kan Khadim Hussain Rizvi akka ugguramu gaafatte. Angawoonni mootummaa lama Rooyiters fi akka ibsanitti ergaan jecha jibbiinsaa fi hookkara kakaasu akka ugguramu nutu gaafate jedhan.

Ergaan Twitter ka biroon lammataa kaleessa kan maxxansame yoo ta’u battala uggurame. Rizviin paartii TPL jedhamu kan garee cichitoota Islaamummaa, uggura sana balaaleffatee jira.

Gareen TLP daandilee magaalaalee Paakitan keessaa guyyoota sadiif cufuu dhaan kan dubartii Asiaa Bibii jedhamtu gad dhiise abbaan murtii mana murtii ol aanaa haa ajjeefamu jechuun uummata kakaasaa ture. Dhimmi kun Kiristaanota addunyaa maraa mufachiisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG