Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggersi Godaantota Galaana Irratti Rakkataniif Godhamu Hanqachuun Du’a Isaanii Hammeesse Jedhameera


Baqattoonni fi koolu galtoonni kuma lamaa ol ta’an waggaa kana qofaa galaana Mediterranean keessatti lubbuu isaanii dhabuu jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisee jira.

Walakkeessa Mediternaaniaan keessatti immoo kanneen liqimfaman lakkoobsi isaanii akkaan ol ka’ee jira. Baatii Fulbaana keessa namoota saddeeti kanneen Xaaliyaanii dhaqqabuuf imala sodaachisaa geggeessan keessaa namni tokko du’uun gabaasameera.

Dubbi himaan UNHCR Charlie Yaxlie du’uu namootaaf irra hedduu sababaa kan ta’e duulli barbaaduuf akkasumas lubbuu oolchuuf godhamu xiqqaachuu isaan jechuun qeeqanii jiran.

UNHCR kana hubachuu dhaan uggurri seeraa fi loogistikaa jaarmolii gargaarsaa Aquarius dabalatee hojii barbaachaa fi baraarsa irratti bobba’uu fedhan irra kaa’ame hedduu isa yaaddessa.

Kun dhiibbaa guddaa hojii barbaachaa walakkeessa mediteraaniyaan-tti geggeessamu irra kaa’ee jira. Yeroo ammaa yabalaawwan dhaabolii gargaarsaa barbaacha irratti bobba’an naannoo sana hin jiran jedhan.

Deggersi Godaantota Galaana Irratti Rakkataniif Godhamu Hanqachuun Du’a Isaanii Hammeesse Jedhameera
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:23 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG