WASHINGITAN, DIISII —
Maadaagaaskaar keessatti, hoogganaa haaraa dinagdee biyyattii fooyyessuu fi malaammaltummaa dhabamsiisuutti abdatan filataa jiran.
Rakkoo siyaasaa Madaagaaskaar furuuf yeroo carraaqqiin godhamaa jirutti, kaadhimamtoota sadii dursummaadhaan wal dorgoman keessaa tokkoo ka tahan – Andirii Raajoliinaa, hoogganoota biyyattii duraanii waliin dorgomaa jiran.
Prezidaantii taayitaa irra jiran – Herii Raajaa–Onaarimaam-Piyaaniinaa, kan seera filannoo biyyattii jijjiiruu yaalan irratti fincila ka’ee ture tu, akka isaan gad-taa’anii mari’achuun filannoof haala miijessan dirqsiise.