Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Ameerikaa Hidda Dhalata Eertraa Miseensa Mana Maree Ameerikaaf Filataman


Kan bara 1980 keessa lubbuu isaaniif sodaachuuf jecha Eertraa kan baqatan Debesaay Nigusee Ameerikaa keessatti dahata siyaasaa gaafatan. Haati warraa isaa Azeeb illee waggaa tokko booda as dhufuu dhaan jireenya isaanii asitti jalqaban.

Kibxata darbe Debesaay fi Azeeb adeemsa jireenya isaanii keessatti dhimma guddaa ayyaaneffatan. Ilmi isaanii Joe miseensa mana maree bakka bu’oota gurraacha jalqaba kutaa Koloraadoof bakka bu’aa uummataa ta’uun filatame.

Kan umuriin waggaa 34 Niguseen Ripaablikaanticha Peter Yu injifaate. Maatiin isaa hojii jal’achuu bu’aa inni qabu gorsaa kan guddisan ta’uu dubbatee kabajaa fi haqaa fi hojjechuun maal akka ta’e argaa guddachuun siyaasa keessatti akkan hirmaadhu daandii naa saaqe jedhee jira.

Haasaa isaa yeroo injifate dhageessiseen, waggoota 35 dura maatiin koo koolu galtoota ta’uun Eertraa irraa gara US ennaa dhufan biyyi kun harka bal’istee isaan simatte, carraa hedduus kenniteef jedhe. Demokraatichi Niguseen uummata Koloraadoo konyaa keessa jiraatu kan uummara kuma 720 bakka bu’uuf jira. Embassin Ertraa as US keessa jiru fuula FB isaa irratti Nigusee dhaan baga gammadde jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG