Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Dhugaatii Kaalifoorniyaa Keessatti Kan Haleellaa Raawwate Miseensa Waraana Ameerikaa Ture


Qawwee hidhatee kutaa Kaalifoorniaa gama kibbaa keessa kan jiru mana dhugaatii fi sirbaa keessatti haleellaa raawwateen namoota 12 namni ajjeese kan umurin waggaa 28 Deevid Loong jedhama.

Ajajaan poolisii konyaa Venchuraa Geff Diin tuuta oduuf ibsa kennaniin Loong miseensa waraana Yunaayitid Isteetis ture jedhan.

Diin akka jedhanitti poolisiin baatii Caamsaa darbe hookkara mana isaa keessatti ka’eef deebii kennee ture. Ogeessonni eegumsa fayyaa sammuu illee Loong waliin dubbatanii turan jedhan.

Angawaan poolisii jalqaba mana dhugaatii sana seenuun nama dhukaase sana dhaabsisuuf yaale itti dhukaafame jedhan.

Ron Helaas waggoota 29f miseensa poolisii kan turan yoo ta’u erga hospitaalatti geessamanii booda lubbuun isaanii darbee jira.

Namoonni hedduun balaan madaa’uu irra ga’eera garuu kaan ofii isaanii hospitaala dhaqan waan ta’eef lakkoobsi isaanii meeqa akka ta’e hin beekamne jedhu Dean.

Diin akka jedhanitti gocha suukaneessaa biyya keenyaa fi bakka birootti raawwatamaa jiru yoo ta’u waan nama gaddisiisu jedhan. Qorattoonni fi FBI namni haleellaa sana raawwate sababaan maal akka ta’e qorataa jiran. Prezidaant Traamp maatii gaddi itti dhaga’ameef ergaa jajjabenaa dabarsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG