Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Muummichi Ameerikaa Hojii Irraa Ari’ataman


Prezidaant Doonaald Traamp abbaa alangaa muummicha Jeff Seshens kaleessa hojii akka gad dhiisan dirqisiisanii jiran. Kunis kan haaraa mana maree dhuunfatan dimokraatota Raashiyaan filannoo prezidaantummaa gidduu seenuu ishee ilaalchisee qorannaa geggeessamu ilaalchisee falmii uumuu mala.

Seeshens xalayaa hojii ittiin gad dhiisan Traampiif erganiin akka gaaffii keessanitti aangoo gad dhiiseera jedhan.

Traamp qorannaa sanaaf Seshens abbaa alangaa addaa Robert Miyuler moggaasuu isaaniif akkaan qeeqanii jiran.

Imaammata yeroo prezidaant Obamaa hedduu hambisuu akkasumas ajendaa isaanii waa’ee immigreeshinii fi yakkaa ilaalchisee jiru irratti Traamp Sesheniin of irraa fageessaa kan turan yoo ta’u gaaffii fi deebii geggeessaniin hamma bulchiinsi koo abbaa alangaa muummicha hin qabu jedhanitti ga’aniiru.

Traamp Sessions hojii isaan hojjetaniif galateeffatanii, itti gaafatamaa hojii kan waajjira Sessions Matt Whitaker abbaa alangaa muummicha yeroofii gochuun moggaasaniiru. Demokraatonni Traamp Seshensiin hojii irraa kan ari’an nama amanatan bakka buusanii qorannoo Miyuler geggeessan to’achuu barbaadu jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG