Nama naa kadhatu ykn naa yaadu hin fedhu kan jedhan haatii ilmii isaani torban kana mana Bunaa Kaliforniyaa keessatti jalaa ajjeefame seerri meeshaa ugguru ba’u qaba jedhan.Ilma isaanii kan haleellaa bara darbee Laas Vegas keessatti gaggeeffame irraa lubbuun hafeetu haleellaa ammaa Kanaan jalaa ajjeefame.
Mana isaa irraa deemsa daqiiqaa 10 irratti Robii darbe kan ajjeefame yoo ta’u yeroo hidhataan seenee uummata achi jiru irratti dhukaas banuun nama 12 galaafatu achii ture
Ajjechaa kana kan gaggeesse gadamojjiin miseensa humna galaanaa Ian David Long umriin isaa 28 yoo ta’u ajjechaa kana eega gaggeessee booda ofii isaas of ajjeese. Robii galgala ajjechaa kana ituu hin geesisiin dura yaadii sammuu isaa attam akka ture qorattonni faana dhahaa jiru.
Kongreesiin Amerikaa seera qawwee to’atu akka raggaasisuuf kun hojii irra ollaan , ammaan booda mucaan eenyu iyyu manaa ba’e akka hin hafne gargaara jedhan haatii ilmii jalaa ajjeefame kun.