Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaaliforniyaa Kaabaa Keessatti Abiddi Badii Geesisaa Jira:Angawaa


Kutaa Yunaaytid Istees kan taate Kaliforniyaa kaabaa keessatti Ibiddii bosoona keessaa ka’e balaa geesisaa waan deemaa jiruuf jecha achitti labsiin yeroo hatattamaa hojii irra olee jira.

Angawaan ittisa Ibiddaa tokko akka jedhanti ibiddi qabeenyaa hedduu kan barbadeesse yoo ta’u namoonni hedduun madaa’uun gabaafamee jira.Garu lakkofsii namoota balaa kanaa du’anii hin beekamiin jira.

Angawoonnii fi sabaa himaaleen akka jedhanti ibiddi kun badii kan geesisee yoo ta’u caasaaleen kuma hedduun gubatanii jiru.

Lafa kaAree kiloO meetra 69 irra jiru gubee jiraattoota magaalaalee dheessanii akka ba’an dirqisiisaa jira.

Ibiddi kun magaalaalee kanneen birootti akka babal’atuuf jiru ni eegama jedhu aangawoonni.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG