Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hooggantoonni Itoophiyaa,Eertiraa fi Somaaliyaa Gaanfa Afrikaatti nagaa fi tasgabbii buusuu fi waliin hojjechuuf walii galan


Itiyoophiyaa,Eertiraa fi Somaaliyaa
Itiyoophiyaa,Eertiraa fi Somaaliyaa

Itoophiyaa,Somaaliyaa fi Eertiraan waliin hojjachuuf walii galan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:10 0:00

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimed, prezidaantiin Ertiraa – Isaayyaas Afewarqii fi prezidaantiin Somaaliyaa – Mohammed Abdullaahii Farmaajoo, jimaata dabre irraa jalqabee daawwannaa guyyyoota lamaaf – naannoo Amaaraa – magaalaa Baahir_Daarii fi Gonderitti taasisanii fi walga’ii hoogganoota sadeen gidduutti deemsisan xumurachuu isaanii waajirri muummicha ministaraa Itiyoophiyaa ibsa har’a baaseen beeksisee jira.

Ibsi kun akka jedhutti, jijjiirama biyyoolessaa muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed geggeessaa turan irraa ka madde – hiriiroo dinagdee naannawa Gaanfa Afrikaatti uumuutti ka fuuleffate – walga’iin hoogganoota sadeenii, marii jalqabaa baatii Fulbaanaa magaalaa Asmaraatti, hoogganoota sadeen gidduutti geggeessamee ture, hojii irra oolfama isaa hordofuuf ka geggeessame tahuun beekamee jira.

Kana malees, hoogganoonni sadeen, nagaa fi tasgabbii naannawa Gaanfa Afrikaatti buusuu irratti waliin hojjechuu fi ajandaalee sadarkaa addunyaa irratti sagalee waliigaltee fi tokkummaa dhageessisuuf cicha qaban beeksisanii jiran – jedhan – ibsi waajira muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa irraa bahe kun.

Jimaataa fi Sanbata dabre daawwannaa geggeessan sanaan – proojektiiklee misoomaa Gondarii fi Baahirdaar keessa jiran adda addaa ka daawwatan yoo tahu.

Yunivarsitii Baahir-daar, Koolejjii Saayinisii Fayyaa jalatti, miliyoona dhibba lamaa oliin kan ijaarame – Xibebe-Gihoon Specialized Hospitaal kan eebbbisan yoo tahu, barattoota eegumsa fayyaa eebbifamiif haasawa dhageessisan keessatti, biyyoonni Gaanfa Afrikaa keessa jiran gara fuul-duraatti hoogganaa tokko akka qabaatan, abdii isaanii tahuu dubbatan.

"Gara fuul-duraatti ijoolleen keenya, Afrikaa Bahaatti, prezidaantota sadii akka hin qabaanne abdiin qaba – jedhan – muummichi-ministaraa Abiyyi.”

Barattoota eebbifaman keessaa hagi xiqqoon yeroo gabaabaaf gara Ertiraa, kaan Somaaliyaa deemanii, tajaajila tolaa akka kennanii fi jaalala labsanillee yaada dhiheessanii jiran.

Hoogganoonni Itiyoophiyaa, Ertiraa fi Somaaliyaa – walgahii isaanii itti aanu, magaalaa Moqdishoo keessatti geggeessuuf walii-galuu isaanii – gabaastuun VOA – Aster Misgaanaaw Bahirdaar irraa gabaastee turte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG