Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daarektera korporeshiinii Sibiilaa fi Injineering,METEC ka durii M/ Jeneraal Kinfee Daanyewu isaa Suudaniin badii deemu qaban


Daarektera METEC ka durii M/Jeneraala Kinfee Daanyewu isaa Suudaniin badii deemu qaban

METEC korporeshiinii sibilaatii fi injineeringiiti.Dhaabbilee mootummaan Itoophiyaa horii ummtaa balleessan jedhee himatee bulchoota isaallee qaqqabuutti jiru keessaa tokko.

Major Jeneraal Kinfeen warra METEC yayaybee mootummaan hojjanna jedhee dhaaba kana akka fedhe tolchaa bahe ka qaraati.

METEC bara 2004 haga bara 2010 keessa mi’a birii biliyona 37 baasu biyya alaatii caalbaasii malee bichisiise,biyya keessaallee woma akkanaa kanaa bitan jedhanii himatan.Akka abbaan alangaa addaa jedhetti dhaabii kun horii biliyoona hedduu saamsisaa bahe.

Akka dhaaba mootummaa yayyabamee firaa fi fiixaa wal irra marsee hojjachaa horii saamaa bahe jedhee himate.

Abbaan alangaa addaa Itoophiyaa Birhaanuu Tsagaayee Jeneraal Kinfee isaa biyyaa baduuf deemu qaban jedhan.Waraana addaa naannoo Tigraayitti isaa fi daarektera dhaaba basaasaa biyyoolessaa, INSA ka durii Dr.Teklee Birhaan W/Aregaay waliin naannoo Tigraay Qoftoom naannoo magaala Bahaaker keessatti qaban.

Manii murtiillee jeneraal Kinfee qabufu waan gaafateef qabanii hardha waraana mootuuaa federaalaatti kennan.

Major Jenerlaaa Teklee Birhaan ammoo warqataii mana murtiilleen waan itti hin bahiniif gadi dhiisanii gara naannoo Humeeraa dabre.

Jeneraal Kinfee fi miilotii isaa nama 63 horii ummataa balleessanii,seera cabsanii ilmaan namaatti taphachaa bahan jedhanii himatan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG