Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Kaampaanii Niisan Gabaasa Sobaa Dhiyeessaa Turan : Kaampaanii


Kaampaaniin kokolaataa Niisan jedhamu oomishu akka jedhuti dura ta’an kaampanichaa karlos Ghosn qabeenyaa kaampaanichaa dhunfaaf olchatan jechuun waggoota dheeraaf maallaqa silaa kaampaanii Nisaaniif galuu qabu kan ilaaleen odeeffannoo sobaa kennan turan jedha.

Sabaa himaan Jaapaan har’a akka gabaasanti dura ta’an kaampaanichaa Ghosn galii qaban kan ilaaleen gad xiqqesanii gabaasan himata jedhuuf abbaan alangaa Tokoyoo gaaffii dhiyeesseef.

Kun dhugaa taanaan hidhamuuf jiru. Angawaan kun galii doolaara miliyoona dhibba hedduu argatan hin gabaasiin hafan jeehamuun shakkaman.

Kaampaanii Nisaan akka jedhutti Ghosn hojii irraa ari’amuuf jiru. Gazexaaleen biyyatti akka gabaasanti abbootiin alangaa waajiira haadhoo Niisan kan Yokohama jiru weeraranii jiru.

Kan biyya Braazil keessatti dhalatan fi hidda dhalata Lebaanan qabanii akkasumas lammii Faransaayii ta’an Ghosn lammii biyyaa alaa angawaa sadargaa olaanaa qabatan xiqqoo keessaa tokko.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG