Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan aaddee Birtukaan Midhaagsaa itti gaafatamtuu Boordii Filannootiif filatte


Birtukaan Midhaagsaa
Birtukaan Midhaagsaa

Tarkaanfiin muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa _ Dr. Abiyyi Ahimed har’a fudhatan, itti gaafatamaa hojii tokko isa kaaniin bakka buusuu irra kan cehe dha – jedha gabaasaan keenya – Eskindir Firew.

Ibsi waajirri isaanii baases kanuma calaqqisa. Muummichi-ministaraa Abiyyi, Aadde Birtukaan Miidhagsaa, walitti-qabduu Boordii Filannoo Biyyoolessaa gochuun enana paarlaamaaf dhiheessuun, mootummaan filannoon dhufu ifaa fi haqa-qabeessa akka tahu eeyuyyuu caalaa murachuu isaa agarsiisa – jedha – ibsi waajira muummee-ministaraa irraa bahe sun.

Boordiin filannoo dhiibbaa kam irraayyuu walaba tahee akka filannoo ifaa fi haqa-qabeessa geggeessu, hooggantuu dhaaba mormituu duraanii – Birtukaan Miidhagsaa itti muuduun kan dhaabatu akka hin ta’iin dubbata.

Yeroo sirni muudinsa aadde Burtukaan paarlaamaa keessatti geggeessamaa turetti, walga’iin ka biraan immoo hoteela naannawa sanaa tokko keessatti akkaataa itti Boordiin filannoo, gartummaa irraa walaba taasisuun danda’amu irratti mari’ataa ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG