Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaant Traamp Boqannaa Ayyaanaarra Yeroo Jiranis Falmii Sirna Murtii Haqaa Biyyattii Itti Fufaniiru


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traamp, yeroo boqonnaa “Thanksgiving yokaan Guyyaa Galataa” irra jiran kanatti waa’ee sirna murtii-haqaa biyyattii irratti falmii isaanii itti fufanii jiru.

Kaleessa, loltoota Ameerikaa, baar-gama jiran waliin mariin telefoonaan geggeessaniin, manni-murtii ol iyyannaa kutaa Kaalifooniyaa keessa jiru qoree cinaachaa nutti tahee jira – jedhan.

Hoogganaan Mana-murtii Yunaayitid Isteetis – Joon Roobertis, waa’ee walabummaa mana-murtii irratti irratti ibsa cimaa kennan keessatti, prezidaat Traamp, abbaa-murtii bulchiinsa isaanii irratti dabarse kanaan “Abbaa-murtii Obaamaa” jechuu isaanii eega jabeessanii qeeqanii booda, kaleessa kana dubbatan – Traamp.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG