Xurree ittiin seenan

Breaking News

Danqaa Umameef Prezidaantii Yukreentu Itti Gaafatama : Prezidaant Putiin


Prezidaantii Yukreen Petro Poroshenko filannoo bara dhufu gaggeeffamuuf jiru keessatti irra deebi’anii filatamuuf carraa qaban ballisuuf danqaa kana uuman jedhu prezidaantiin Raashiyaa Vlaadmir Puutin.

Putiin Televiziyoona irratti har’a haasawaa dhageesisaniin haallii galaana Gurraacha keessatti uumamee kun poresheenkoon tuttuqqaa kanaan filannoo injifachuu qofaaf jedhan.

Waraanni Raashiyaa akka jedhutti misaa’eela farra xayyaaraa dabaluun caasaa ittisaa suluula Krimiyaa keessatti jabeessaa jira.Dilbata darbee humnootiin Raashiyaa galaana gurraacha keessatti/ doniwwan Yukreen 3 hojjattoota isaanii waliin qabatan.

Hojjattonni doniiwwan sadan keessa turan 24 akeekkachiisa Raashiyaa biraa kenname diduun doniwwan suun seeraana ala akka galaana Raashiyaa seenan godhan jetti Raashiyaan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG