Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Yunaaytid Isteets Waa’ee Ajjechaa Gazexxeessaa Saa’udii Seera Tumtootaaf Ibsaa Jiru


Senataroonni Amerikaa waa’ee ajjechaa gaazexxeessaa lammii Saa’udii Jamal Kaashogii kan ilaaleen ministrii danta alaa Amerikaa Maayik Pompiyoo fi Ministeerri ittisaa Jim Maadas cufataan ibsa kennaafii kan jiran yoo ta’u irra hedduun isaanii gocha rawwatameetti senetaroonni amma iyyu mufannaa qabu.

Walgahii kana dura seera tumtoonni paartilee lameenii daayreekterri CIA Jinaa Haspel ibsa kennu jedhamee karoora ba’e keessaa hafuu isaaniif komee dhageesiisan.

Mootii saudii biraa prezidaant Traamp wanni dhaga’an maal akka ta’e tika nageenya biyyooleessaa ykn CIA irraa nama nuu ibsu feena jechuun Ripaablikaantichii senator Lindsey Graam oduu gabaastotaaf ibsanii jiru.

Daayreekteerri CIA maaliif ibsa nu hin kennan? Jechuun kan gaafatan Demokraatichi senator Kris Koons gaafatan.Gabaasaalee oduu hedduun akka jedhanti mootiin saudii gazexxesichii akka ajjeefamuuf ajajuu isaanii CIA..n beeka. Saudiin garu soba jetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG