Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaara Indoneshiyaa Maaltu Kuffise?


Xayyaara Indoneshiyaa kan baatii darbee kufee lubbuu namoota hedduu galaafate irratti qorannaan jalqabaa gaggeeffame akka garsisuuttu balalisaan xayyaaricha to’achuuf yaalii abdii kutannaa godhuus nageenya xayyaarichaa eeguuf caasaan bifa awutomaatiikaan hojjatu xayyaarichii huruun gad akka adeemu gochuu isaa agarsiisa jedhamee jira.

Odeeffannoon kunis xayyaarichaa erga kufee booda meeshaa argamee irraa hubatame. Qaamii xayyaarichaa waan kutaa balaliisaa keessatti dubbatamee waraabu garu hin argamiin jira.

Onkolooleessa 29 bara 2018 xayyaarri Boeing 737 Imaltootaa fi hojjatoota xayyaarichaa 189 fe’ee Jaakartaa irraa lafa gadhisee eega ka’e booda kufuu isaan dhuman.Waan ibsamee kana irratti qorannaan itti fufee jira.

Balalsiistonni xayyaaraa Yunaaytid Isteets keessa maadheeffatan/ caasaa haaraan xayyaara irratti galuu kan ilaaleen odeeffannoon nu kennamne jechuun komee dhageesisaa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG