WAASHINGITAN, DIISII —
Barreessaan muummeen Tokkummaa Mootummotoaa – Antoonihoo Guterez, haalli qilleensaa jijjiiramuu irraa kan kahe Addunyaan rakkoo keessa jirti – jedhu.
Walga’ii torbanneen lamaaf waa’ee jijjirama qilleensa naannoo irratti mari’atu, kan har’a – Poolaand keessatti baname irratti kan kana dubbatan – Guterez, eega bara 2015 walga’iin Paaris keessatti geggeessamee walii-galteen mallatteessamee booda, walga’iin kun ilaalchi guddaan kennamuuf isa duraa tahuu hubachiisan.
Biyyoonni walga’ii sana irratti, aara gaazii gubataa biyya isaanii keessaa gad-buusuuf waadaa galan, akka walii-gafltee isaanii sana hojii irra oolchuutti cichan illee gaafatan.