Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Pireezdaant Doonaald Traamp fi Pirezdaant Shii Jiinping


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traamp, hariiroo baay’ee cimaa fi kallattii, prezidaantii Chaayinaa - Shii Jiinping waliin akka qabaatan dhaadhessanii dubbachuudhaan, hariiroo daldalaa haaraa kan akka qonnaan-bultooni Ameerikaa oomisha isaanii daran Chaayinaatti gurgurachuu dandeessisuu Chaayinaa waliin tolfachuuf tahaa labsan.

Hoogganoonni biyyoota Addunyaa irratti duureyyii tahan lameenii- Traampp fi Shiin, Sanbata dabre kana, Argetniinaa keessatti walga’uudhaan, haga waliigaltee daldalaa gidduu isaanii bal’inaan mari’atanii murtii tokko irra gahanitti, guyyota sagaltama dhufaniif akka taarifa yokaan dilaala oomishalee walii biyya isaanii seenu irra hin keenye waliigalanii booda, gatiin gabaalee Addunyaa Ashiyaa fi Awurooppaa battalatti ol ka’e – jedhama.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG