Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traampfi Haati Warraa Isaanii Reefa Joori H.W.Buush Callisaan Dawwachuun Gadda Isaanii Ibsan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, Doonaald Traamp fi haati-warraa isaanii – Melaaniyaa Traamp, kan waajira mana-maree biyyattii as Waashington jiru – kutaa Kaapitol Rotundaa jedhamu keessa ciibsamee jiru – reeffa prezidaantii biyyattii 41ffaa – Joorj H.W. Buush biratti argamuun, kabajaa isaaniif calleensaan gadda isaanii ibsanii jiran.

Yeroo lammiwwan Ameerikaa marti baraa fi tajaajila prezidaanticha 41ffaa kabajaan yaadatee, gadda irra jiru kanatti – prezidaant Traamp sa’atii tokkoof calleensaan reeffa Buush bira dhaabatanii booda, harkaan mallattoo kabajaa kennuun of duuba deebi’an.

“Capitol Hill” keessatti, kutaan reeffi prezidaantii duraanii keessa ciibsame, haga Roobii booriitti aangawootaa, namoota kabajamoo fi lammiwwan biyyattii maraaf banaa tahuun himamee jira. Lammiwwan reeffa prezidaantichaa ilaalaa dabuudhaaf ehamaamaa dha.

Ilma prezidaanticha duraanii Joorj HW Bush ka tahan – prezidaantiin duraanii – Jooj W Buush, yeroo reeffa abbaa isaanii saanduqa reeffaa keessatti ilaalanitti, miira keessa galuun, gaddaan raafaman – jedhama.

Sirna kaleessa geggeessame irratti, hoogganaa gara yayyabaa mana-maree – Miich Mik-Koonel fi itti-aanaa prezidaantii biyyattii – Maayik peensi dabalee aangawoonni biyyattii hedduun argamuun kabajaa qabaniif ibsanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG