Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmota Afrikaatti Ministarri Gargaaraan Dantaa Alaa Yunaayitid Isteetis Eertiraa Daawwachuu Laalchsee Ibsa Aministii Internaashinaal


Aministii Internaashinaal ibsa Jimaata dabre baaseen, dhimmota Afrikaatti ministarri gargaaraan dantaa alaa Yunaayitid Isteetis – Tiiboor Naaj, yeroo Ertiraa daawwatanitti – ka lammii Yunaayitid Isteetis taate – Sihaam Alii dabalee – namoota garaa nagaa yaada isaanii fi amantii isaanii ibsachuun mana hidhaa jiran Ertiraan akka hiiktu gaafachuu qaban jechuun ibsa baasee ture.

Siyaam Alii umurii ishee waggaa kudha-shaniitti, tajaajila biyyoolessaa jalaa miliqxee bahuu yaalte – jedhamuun bara 2012 Ertiraa keessatti qabamtee hidhamte. Eega sanaa haga ammaatti eessatti akka hidhamtee fi haala akkamiitti akka jirtu maatiin isheellee hin beekan.

Ertiraan garuu, waliigalteelee eegumsa mirga dhala-namaa sadarkaqa Addunyaa hedduuf miseensa tahuu ibsachuun akka dhiittaa mirga dhala-namaa geggeessaa hin jittetti falmatti.

“Ertiraan dhiittaa mirga dhala-namaa hamaa keessa ka dabarte waan taheef, loogii tokko malee wal-qixxummaaf, haqaaf, nagaaf, bilisummaa fi kabajamuu mirga dhala-namaaf ni falmiti” jechuun deebii kenniti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG