Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hooggantuu Kaampaanii Chaayinaa Huwawey Teeknoolojii Jedhamu Irratti Malaammaltummaadhan Himannaan Dhihaate


Hooggantuun damee maallaqaa Kaampaanii Chaayinaa “Huwawey Technologies” jedhamuu, himannaa malaammaltummaa irratti dhihaateef, mirga wabiin gad-lakkisamuu fi dhiisuu baruuf har’a mana-murtii Kanadaa keessatti ka dhihaatuuf jiran yoo tahe, himannaa malaammaltummaa irratti dhihaatuuf gara Yunaayitid Isteetis tti ergamuu akka malan tu dubbatama.

Meng Waanzuu, gara Yunaayitid Isteetis tti ergamuu fi dhiisuu ilaalchisee haga yakka-ilaalchi geggeessamee murtaa’utti akka mana-hidhaa turuu qaban falmaa jiran – abbootiin alangaa Kanadaa.

Chaayinaan ammoo tarkaanfii Meng irratti fudhatame kana mormuudhaan, Ambaasaaddara Yunaayitid Isteetis ka Beejing keessaa waamtee haasofsiistee jirti.

“Tarkaanfiin Yunaayitid Isteetis fudhatte kun mirga seeraa lammii Chaayinaa ka sarbee fi gochaa fokkataa dha” jedha – ministriin dhimma alaa Chaayinaa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG