Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Mirga Dhala-namaa: Sirna Seeraa fi Araaraatu Itoophiyaaf Mala


Kan Itiyoophiyaa keessa maadheffate – Gumiin Mirga dhala-namaa, “deemsa jijjiiramaa jalqabame itti-fufsiisuuf, rakkoo dabre sirna seeraa fi araaraan keessa dabruun, karaa filatamaa dorgomaa ka biraa hin qabne,” jechuun hubachiisee jira.

Motummaan, namoota sababaa walitti-bu’insaatiin qehee ofii irraa buqqa’aniif gargaarsa akka dhiheessuu fi gara qehee isaanii duraaniitti deebisuun akka bayyanachiisus waamicha dhiheessee jira.

Mellesaachew Ammahaa, Finfninnee irraa akka gabaasetti, dur “Gumii Mirga Dhala-namaa Itiyoophiyaa” jedhamuun ka beekamu – “Gumiin Mirga Dhala-namaa”, Guyyaa mirga dhala-namaa waggaa toorbaatamaffaa har’a guutummaa addunyaatti ayyaaneffaame ilaalchisuun ibsa tuta gaazzexeessotaaf kenneen, Itiyoophiyaa keessatti kanneen wal-faallessan gochaaleen akka deemsisamaa jiran dubbata.

Itiyoophiyaa keessatti, gama tokkoon, haala qabinsa mirga dhala-namaa wayyeessuu fi sirna dimookiraasii ijaaruuf yeroo carraaqqiin cimaan godhamaa jirutti, gama biraatiin immoo biyyattiin rakkoolee bal’oo carraaqqii kana danqan keessa jirti – jedhan.

Duraa-ta’aan koree hoji-geggeessituu Gumii Mirgawwan Dhala-namaa – Obbo Ammahaa Mekonnin, jijjiirama jalqabame, ka jajjabeessamuu qaba – jedhan itti fufsiisuuf, karaan furmaataa dorgomaa ka biraa hin qabne maal akka tahe ennaa ibsan, “biyya keenya keessatti ol’aantummaan seeraa jiraatee, mirgawwan namoomaa kabajamanii gara fuul-duraatti nu deemsisuu akka dandeessisan, rakkoo keenya dabre sirna seeraa fi araaraan qulqulleessinee cehuunii fi jijjiirama jalqabne itti fufsiisuun wanna sirrii dorgomaa ka biraa hin qabne. Kanneen mul’ataa jiran, gochaalee jijjiiramicha danquu fi gargalchuuf raaw’ataman fakkaatan – kanneen sabaa fi saba walitti-buusanii fi dhaabbatoota barnootaa ol’aanaa keessatti gochaalee faallaa baruu fi barsiisuu raaw’ataman, Gumiin Mirga Dhala-namaa jabeessee balaaleffata,” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG