Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Somaalee Aangoo Irraa Buusuuf Yaaliin Ta’e Hundee Hin Qabu: Angawoota Mootummaa


Afaan yaa’ii mana maree Somaaliyaa fi prezidaanticha gidduutti atakaaroon haaraa uumame biyyattii duruu dadhabduu taate gara rakkoo siyaasaatti geessa yaaddoo jedhu uumuun ibsamee jira.

Ittiin ka’umsi atakaaroo sanaas Somaaliyaan dhiyeenya Itiyoophiyaa fi eertraa waliin walii galtee gama sadii isheen irra geese ta’uun beekamee jira.

Xumura torban darbee irra mormitoonni prezidaant Abdulaahii Formaajoo mirgi himatamuu dhabuu akka irraa ka’u afaan yaa’ichaaf xalayaa erganiiru.

Miseensonni mana maree mormii kana dhiyeessan prezidaantichi Itiyoophiyaa fi Eertraa dabalatee biyyoota kanneen biro waliin icitii dhaan walii galtee irra ga’an jedhan.

Asmara fi Gonder keessatti baatii Fulbaana, Onkoloolessaa fi Sadaasa darbe wal ga’iileen geggeessaman biyyoota yeroo tokko hariiroon isaanii laaffataa ture, walii galtee dinagdee fi misoomaa mallatteessuu isaanii ibsaniiru.

Mormitoonni prezidaantichaa gaaffii mirgi himatamuu dhabuu prezidaantichaa akka ka’u gaafatan Itiyoophiyaan buufata doonii Somaaliyaa akka fayyadamtu walii galteen eeyamu ifa kan hin ta’iniif ol aantummaa biyyattii balaa irra buusa jedha.

Itti aanaa afaan yaa’iin mana maree Abdiwelii Muddee battaluma mormii fi mirgi himatamuu dhabuu prezidaantichaa haa mulqamu gaaffiin jedhu faallaa heeraa ti jechuun mormaniiru.

Angawoonni bulchiinsa paarlaamaa Somaaliyaa har’a ibsa baasaniin himannaan prezidaanticha aangoo irraa busuuf dhiyaate fudhatama hin qabu jedhan.

Seera tumtoota 92 keessaa 14 maqaan keenya kanneen himannaa sana dhiyeessan waliin dhiyaachuun dogoggoraani jechuu dhaan hin mallatteessin hafan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG