Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dimokraasii Biyya Keenyaa Eeggachuu Qabna Jedhu Seera Tumtoonni Ameerikaa


Gareen miseensota senetii Yunaayitid Isteetis dimokraatotaa fi paartii Ripaablikaanotaa miseensonni mana maree kan yeroo ammaa loogiin paartii ofii dantaa biyya keenyaa sadarkaa barbaachisaa irra jiru dura akka hin gorree fi dimokraasii keenyaaf eegumsa gochuu qabu jechuu dhaan gaafatan.

Seera tumtoonni duraanii 44 kaleessa yaada Washington Post fi kennaniin Ameerikaa yeroo sodaachisaa keessa jirti, kanaaf rakkoo ol aantummaa seeraa heera biyyaa fi waaltaalee bulchiinsaa fi nageenya biyyaa keenya mudate ifatti dubbachuu qabna jedhan.

Qorannaa xumumuraa kan abbaa alangaa addaa dhimma Raashiyaan filannoo US kan bara 2016 qoratanii kan Robert Muelleer fi qorannaa manni maree dimokraatotaan hoogganamu bulchiinsa Traamp irratti geggeessuuf jiru tuqanii jiru.

Yeroo hamaa itti qajeelfamni keenya bu’uuraa kan dimokraasii keenyaaf dangaan naga eegumsa biyyoolessa keenyaa balaa irra jiru irra geenyeerra, kanaaf qajeelfamni seeraa fi dandeettiin waaltaalee keenyaa wlabaa fi loogii malee hojjechuu danda’uu qabu jechuun barreessaniiru.

Gareen kun dimokraaticha Joon Kerii, Tom Daaschil fi Kiris Dodd akkasumas Ripublikaanticha Joon Waarner, Richaard Luugaar fi Chak Hagel-n of keessaa qaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG