Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abukaatoon Koo Seera Cabsuu Hin Qabu: Prezidaant Doonaald Traamp


Prezidaant Doonaald Traamp erga abukaatoon isaanii dhuunfaa Maaykil Kohen hidhaan waggoota sadii itti muramee guyyaa tokko booda seera akka inni cabsuuf takkaa ajaja hin kennineef jedhan.

Kohen dubartoota lama kanneen hariiroo prezidaantichattii qaban filannoo bara 2016 ennaa geggeessamu akka hin dubbanneef maallqa kennameef jedhamuun himataman.

Traamp ergaa twitter walitti aansuu dhaan erganiin kan waggoota 12f isaaniif hojjetaa turan Cohen seera beekuu qabu turan jedhan.

Kohen doolaara kuma 280 ajaja Traampiin dubartii Stormy Daniels fi Karen McDougal fi kaffalan jedhamuun kan itti murtaa’e.

Kan Traamp Raashiyaa waliin hidhata daldalaa hin qabu jechuun deggertoota kijiban ilaalchisee illee mana maree bakka bu’otaa sobuu dhaanis himatamaniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG