Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroon Labsii Dhiifamaa Xumuramuutti Dhiyaachuu Waajjirri Abbaa Alangaa Beeksise


Labsiin dhiifamaa adoolessa 13 bara 20 labsame yeroon isaa xumuramuuf ta’uu waajjirri abbaa alangaa Federaala Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Abbaa alangaa Federaalaaf directora quunnamtii uummataa fi dhimmootii kominikeeshiinii obbo Zinaabuu Tunuu akka jedhanitti

Labsiin sun yeroon kenname ji’aaf jedha. Ji’i ja’a sun immoo amma xumuramaa jira. Kunis Amajjii 13 xumurama. Sana booda labsiin sun hojii irra hin oolu jedhan.

Labsiin sun ennaa ba’u gochaawwan yakkaa labsichi tuqe jiru. Kunis kana dura dhimmi isaanii qoratamee mana murtii keessa kanneen jiran, kanneen shakkamanii barbaadaman, galmeen qorannaa banameefii dhimmi isaanii adeemsa irra kan jiruu fi keessumaa Caamsaa 30 dura yakkaan kanneen shakkaman martinuu labsii kanaaf fayyadamoo dha jedhan.

Hamma sa’aatii kanaatti namoonni 800 fayyadamoo labsii sanaa ta’uu dhaan dhiifamni godhameefii certifikeetii fudhataniiru.

Biyya keessaa fi biyyootii alaatii marsariitii dhaanis haa ta’u hordofanii kanneen dhiifamni godhameef keessaa kana dura manneen hidhaa turanii, murtii kanneen argatanii fi 250 ta’an sertifikeetii labsicha irra taa’ee jiru argatanii mana hidhaatii gad dhiifamaniiru. Gama Kanaan mana hidhaa keessatti han hafe hin jiru. Kaan immoo asuma biyya keessaa yakka adda addaan himatamanii kan turan qaamaan dhiyaatanii kan fudhatan 313 kanneen ta’an jiru.

Miseensota poolisii fi waraanaa ta’anii kanneen himatamanii mana hidhaa turan 162 ta’anis sertifikeetii kana fudhataniiru. Kanneen biyya alaa turanii yakka adda addaa keessatti hirmaatanii fi 71 ta'an marsariitii irratti galmeeffamanii cirtificaatii labsii dhiifamaa fudhataniiru.

Kanneen iyyata kana galfachuu barbaadanii fi biyyootii adda addaa jiran gara marsariitii keenyaa www.fag.gov.et seenanii foormii iyyannaa itti dhiyeeffatan guutuu dhaan erguu danda’u jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG