Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii kilaboota kubbaa miilaa FIFA bara 2018 Riyaal Madriditti moo’e Kilabootii kubbaa miilaa Afrikaalleen Shaampiyoona Liigiitti jiran


Real Madrid, shaampiyoonaa Liigii irratti Liver pool moote eegee ammoo kilabii UAE mootee waancaa kubbaa miilaa kilaboota FIFA irraa fudhatte
Real Madrid, shaampiyoonaa Liigii irratti Liver pool moote eegee ammoo kilabii UAE mootee waancaa kubbaa miilaa kilaboota FIFA irraa fudhatte

CAF Champion League maqaa dorgommii kilaboota Liigii Kubbaa miilaa Afrikaati. Dorgommii kilabootii Afrikaa biyya ufii keessaa filatamnanii walti dhufan.

Sadaasaa jalqaban,biyya biyya irra marani tapahanii haga Wacabajjii bara 2019 tapahtan.Kilaboota kubbaa miilaa Afrikaa 57 wal irra marsee taphachuutti jira haga ammaatti marroo 67 tapahtanii goolii 157 galee kilabii 16 walti hafa.

Abbaan dorgommii tana moo’e dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa, CAF Super Cup jedhanitti walti hafa(Warra dorgommii CAF Champions League fi CAF Confederation Cup) moo’etti walti hafa.

Ka achii moo’e ammoo Afrikaa fulaa bu’ee dorogmmii kilaboota kubbaa miilaa addunyaa, FIFA Clubs world cup walti hafa.

Dorgommii CAF Champion league shaampiyoonaan kilabii Tuniziyaa, Esperance kilabootii amma dorgommii tanaa dabruuf taphatti jiran.

Itoophiyaa kilabii tokko Shaampiyoonaa Liigii CAF keessaa qabdi,Jimmaa Abbaa Jifaar.Isiilleen hardha keessaa baate.Jimmaa Abbaa Jifaar kilabii Masrii, Al Ahly mootullee Masriin tapha duraa irratti Jimmaa Abbaa Jiffaar 2-0 waan mooteef Jimmaan dorgommii tana keessaa baate.

Dorgomuma akkanaa keesaa tapha kaleetti kilabiin Giinii Horoya AC 6-2kilabii Liibiyaa Al Nasar moote.

Kilabiin DRC, AS VITA fi Kilabiin Leseetoo wal mixichuma mixichanii 1-1 gargar bahan taatullee DRC qaraayyuu qabxii 5-2 waan mooteef dabarte.

Simba SC, kilabiin Tanzaaniyaa ganna 15 duubatti tapha kanatti deebite akkuma deebiteen kilabii Zaambiyaa Nkana 3-1 moote.

Kilabii Tuniziyaa, Club Africain ta Ayvori Kosti,ASEC Mimosas fi ta Aljeeriyaa, JS Saoura faatillee jara dorgommii tanaa dabre keessa jira.

Wydad Casablanca, Kilabii Koongolis, TP Mazembe fi ta Afrikaa Kibbaa, Orlando Pirates faatillee warra dandamatee dorgommii itti aantuu dabre.

Dorgommii shaampiyoonaa kilaboota Afrikaa tana Afrikaa Kibbaatii fi Masriitti qopheessuf irratti wal dorogmuutti jira.

Dorgommiin tun Waxabajjii 15 haga Adoolessa 13 bara 2019.Silaa Kaamerunitti qopheessaa isii irraa fuudhan.CAF abbaa dorgommii tana qopheessuu Ammaji dhuftu keessa hima.

Dorgommii kilaboota kubbaa miilaa addunyaa

Real Madrid dorgommii kilaboota Federeshiiniin waldaa kubbaa miilaa addunyaa, FIFA mootee shaampiyoonaa Ispaanishii gurraan galte.

Kilabii 7tti walitti taphachaa bahe torbaan lamaan duratti jalqabanii guyyaa dheengaddaa dhumate.

Real Madriid kilabii UAE, Al Ain FC 4-1 irraa galchite waancaa irraa fudhatte.

Real Madrid tana waliin marroo 4 shaampiyoona kilaboota addunyaa taate.

Goolii tana Modric, Sergio,Margos fi Yahia faatti wal irra marsee kilabii Al Ain tanaa qorsa qota.

Taphuma guyyaa dheengaddaa keessaa kilabiin Arjentiinaa, River Plate kilabii biyya Jappaan Kashima Antlers 4-0 irraa sirbite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG