Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Amerikaa hardhallee guyyaa shaneessoof haga tokko cufaa oole


A sign is displayed at the National Archives building that is closed because of a U.S. government shutdown in Washington, Dec. 22, 2018.

Mootummaan cufaa oole jechuun hojjattoota mootummaa federaalaa kuma kunrya hedduutti hujii irraa oolaa ykn saati diqqoo hojjatanii galan.

Bulchoota mootummaatti bajetii mootummaan hujiin hojjatu irratti wal dhabee haga sun fala argattutti biiroleen cufaa oolte.

Ganna kana qofa akka kanaan mootummaan tana waliin marroo sadii akkana mootummaan cufame.Pirezidaantii Amerikaatii fi paartii Demokriaaitti bajata irratti wal dhabe.

Pirezidaantiin Amerikaa ummata daarii Mekiskootiin seera malee Amerikaatti baqtu dallaa sibiilaa km 3,000 taha jedhan jaaree ufi irraa dhowwuu fedhaa gaafa duula filannoollee tanma jedhe.Tana tolchuuf ammoo doolara biliyoona 5 mootummaa gaafate.

Paartiin Demokiraati ammoo doolara biliyoona 1 fi miliyona 300 hujii tanaa eeyyamte.Nama lubbuu baqatu dallaa itti jaaruun seera Ameriakatuu keessa hin jiruu jedhanii didan bulchootii Demokiraati.

“Gaafa mootummaan banamu hin beeku haga horii dallaa kanaan jaarru argannutti biiroleen mootummaa hin banaman jedhe,” pirezidaanti Tiraampi.


“Pirezidaantiin Amerikaa biirolee mootummaa cufuu fedhaa taatullee karaa rakkoo tana keessaa ufi baasuun hin beeku,” jedhaa itti gaafatamaan paartii Demokiraati Chuck Shumer fi itti gaafatamuun mana marii marii Amerikaa paartii Demokiraati Nancy Peloosii.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG