Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Yeroo Jalqabaaf Naannoo Walitti Bu’iinsii Jirutti Imalanii Deebi’an


Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp daw’annaa hin labsaminiin looltoota Amerikaa kanneen Iraaq keessaa eega kaleessa daw’atanii booda Kamiisa har’a Waayit Hawusiitti deebi’anii jiru.

Traamp eega prezidaantii ta’anii as godinaalee walitti-bu’insii jiru daw’achuuf kun kan jalqabaa yoo ta’u iccitii guddaa jalatti ture imalli isaanii kun.

Humnootii Amerikaa kanneen Iraaq fi Jarmanii keessaa ilaalanii eega deebi’anii booda Traamp sa’atii tokkoof gama Twitariin barreessaa turan.

Waan tokko beekamaa dha.namoota ajaaibsisoo biyya keenya bakka bu’an kanneen attamitti injifachuun akka itti danda’amu beekan qabna jedhan.

Traamp fi haati warraa gaafa ayyaana dhaloota gooftaa yesuus Kibxata galgala Waashington irraa ka’an.Kunis waraanaa fi ajajoota isaaanii tajaajiila kennaniif galateeffachuuf akka ta’e ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG