Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Kongoof sagaleen kenname lakka’amaa Jira.


Filannoon gaggeeffame hojii seeraan alaa hedduun isa mudatee jira yeroo jedhamu kanatti angawoonni Ripaablikii Demokraatawaa Kongoo sagalee uummata miliyoona hedduu har’a lakka’aa jiru.

Namoonni sagalee kennan dogoggora, rakkoon Teknikaa mudachuu akkasumas meeshaaleen sagalee ittiin kennan duubatti hafee dhaqqabe sana booda immo eessa buteen isaa dhabamee jira himata jedhutti dhaga’ama.

Wirtuleen sagalee itti kennan qindominaan hojjachuu dhabuun Sagalee kennuu irratti shirri hojjatamuu, meeshaalee sagalee kennuuf gargaaran hojjachuu diduun battalumatti qeeqa hordoofsiisanii jiru.

Kanneen prezidaantummaaf dorgoman lameen akka injifatan of abadannaan dubbatu.Qeeqxonni akka jedhanti deemsa filannoo kana kessatti dogoggorri hojjatame hundumtuu beekaa durumaa kan irratti hojjatamee fi paartiin biyya bulchuu akka injifatuuf kan ta’e dha.

Prezidaant Kabilaan marsaa lamaaf angoo irra turanii sana irra iyyu waggaa lamaaf itti fufanii qabatanii jiru.

Tajjabdoonni waldaa amantii Kaatoliik akka jedhanti wirtuleen filmaataa tasagabii kan qaban yoo ta’u magaalaan gala mootummaa biyyatti muddama keessa jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG