Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Qaanqee Oli Facaafachaa Abdii fi Gamamchuun Bara 2019-tti Dabarte


Fireworks light up the sky around the London Eye wheel to welcome the New Year in London, Britain, Jan. 1, 2019.
Fireworks light up the sky around the London Eye wheel to welcome the New Year in London, Britain, Jan. 1, 2019.

Kaan manneen amantii ufiitti yaa’ee waqa ufii yaammatee waan dabreef galateeffahcaa waan itti aanaaf abdachaa bara haaraa gahye.

Kaan manneen sirbaatti, kaan adaalatti walii yaa’ee qaanqee facaasa,kaan firaa fi fiixaan walti yaa’ee bara haaraa siamta.Addunyaan gamuma gamaan bara 2019ti seente.

Amerikaa,New Yorkitti nama kuma kurnya hedduutti roga Times Square keesatti walti dhufa. Akkuma duruu amaleeffatan kubba guddayyoo yoo barii haarahii gahu cufa siqiachaa gadi buusan laalaa achiin woma harkaa qaban abbuuqachaa,unachaa ganna haaraatti dabran.

Yoo ummatii akkana walti bahee kana drone, xuyyuura diqqayyaa namii keessa hin jirree kaameraan qabatee biyya gubbaa marattu nagaa lafaa eegan.

Poolisiin New York tana malee kaameraa video 1,200 lafa eegaa akka namuu nagaan gargar galu biyya tissiti.

Faransaay, Paarisitti warrii lafaa Champs Elyse,lafa daawwii itti yaa’anitti walti dhufee qaanqee waaqa keessa oli facaasan daawwachaa bara 2019 gahe.

Warrii Jermen,Berlin ammoo karaa biyya isaanii dheeraa Brandeburg Gate faati walti dhufee sirba baadii biyya isaantii daawwachaa gammachuun walti sirbe.

Warrii UK,London qoonqoo bilbila biyya isaanii Big Ben caqasaa qaanqee laga Thames irraa oli tokkosaniin bara haaraa gahe.

Raashiyaa, Moosootti ammoo warrii lafaa naannoo Red Square fi paarkii isaanii keessaatti ganna haaraa gahe.

Dubaahiin fooqii biyya isii dheerinnaan addunyaa keessaa tokkeessoo taate Burj Khalifa irraa qaanqee facaafattee addunyaa wal fakkaate.

Australia, New Zealand fi laftii didiqqoon garba Paasifik keessaalleen akkuam wal duratti bari’aniin gammachuun bara haaraa gahan.

Jappaan dorgommii gurba biyya isaanii ka ganna 21, dorgommii martaal artiin addunyaa keessatti beekan Tensin Nasukawa kalee namicha Amerikaa boksiin addunyaatt keesastti maqaan baheef,Floyd Mayweather dorgommii isaanii daawwachaa jala baulti bara 2019 geette.

Addunyaan gamuma jirtuun ganna haaraa kana abdii fi gammachuun itti duudde.

Barii haarahii ka roobaa fi nagaa,quufaa gabbinnaa, hormaataa fi bultumaa fi ka kaayoo isanii haa tahuu, jenne.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG