Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Geetaachoo Asaffaa Akka To’ataman Ajaji Hidhaa Ba’e


Daayrikterri odeeffannoo fi tika nagaa Itiyoophiyaa duraanii obbo Geetaachoo Asaffaa to’annaa jala oolchuuf naannoo Tigraay waliin dubbataa kan jiru ta’uu abbaan alangaa Federaalaa beksiseera.

Maqaleetti kan argaman obbo Geetaachoon poolisii dhaan akka barbaadaman erga beekamee bubbuleera. Ajaji hidhaas ba’ee jira. Obbo Geetaachoo Asaffaa kan shakkaman dhiittaa mirga namaa hamaa dhaan ta’uun beekameera.

Mootummaan Federaala Itiyoophiyaa fi mootummaan naannoo Tigraay dhimma Geetaachoo Asaffaa ilaalchisuun gamanaa fi gamas taa’uun wal dhaggeeffataa jiraachuu ragaaleen kaleessaa qabanii ba’an mul’isaniiru.

Daayriktera tika nagaa Itiyoophiyaa duraanii Geetaachoo Asaffaa to’annaa jala akka oolu mootummaa naannoo Tigraay waliin mariin geggeessama jiru hanga yoonaa hin xumuramin jiraachuu abbaan alangaa Federaalaa beeksisee jira.

Har’a waajjira abbaa alangaatti ibsi kenname dhimmootii adda addaas of keessaa qaba. Hidhamtoonni 500 ol ta’an dhiifami godhameefii gad dhiifamuun illee tuqamee jira. Itti gaafatamaan waajjira boordii dhiifamaa abbaa alangaa obbo Zeleqeen ennaa ibsan keessumaa dubartoonni daa’ima of harkaa qaban kanneen 26 ol ta’an dhimmi isaanii addatti ilaalamee mirga daa’immanii waliinis wal qabatee dhiifamni akka godhamuuf murtaa'eera jedhan.

Ayyaana Gannii sababa godhachuu dhaan kanneen akka gad dhiifamaniif dhiifamni godhameef Jimaata dhufuu qabee kan hiikaman ta’uu abbaan alangaa beeksiseera.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:21 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG