Xurree ittiin seenan

Breaking News

Agarsiisi Ugguramee Ture Waltajjiif Dhiyaachuuf Jira


Itiyoophiyaa keessatti jijjiiramni geggeeffamaa jiru hojiin aartii uggurman waltajjiif akka dhiyaatan daandii saaquun isaa argamaa jira.

Waa uumanii hojjechuun akka jajjabeeffaman hojiin itti dabalaas daran akka hojjetaman ogeessonni abdii qaban ibsaniiru.

Aartistii gameessi Tekilee Dastaa biyya ofiitii akka ari’atamu sababaa kan ta’e hojiin aartii “daandii lakkuu” jedhu torbee mana tiyaatra biyyoolessaatti ni dhiyaata jedhamee eegamaa jira. Artstoonni angafoota ta’anii dargaggoota ta’an agarsiisa Tekilee Dastaan qophaa’ee fi “Daandii Lakkuu” jedhu dhiyeessuuf shaakalaa jiran.

Agarsiisa barreessaa beekamaa lammii Masrii Toofiik Al Haakiim keessaa tokko kan ta’e “The Sultan Daylemaa” jedhamu ture Alemaayyoo G/Hiwotiin daawwattoota Itiyoophiyaaf akka ta’utti kan hiikamee qophaa’e.

Agarsiisi sun aangoo irra turuuf filmaata isa kamitti fayyadamuuf kan rakkate hoogganaa biyyaa tokko irratti fuuleffata. Seera hordofuu, ykn humnaan gargaaramuu ka jedhu murtii qalbii rarraase ta’anii qalbii dawataa hawatee seenaan isaa itti fufa.

Barreessaa beekamaa Tekilee Dastaa agarsiisa kana waltajjiif dhiyeessuuf daandiin qabate garuu hin mijanneef. Agarsiisa kana mul’isuuf biyya jiraata ture Ameerikaa irraa waggoota lama dura gara Finfinnee dhufuu isaa illee ni dubbata. Itiyoophiyaan yeroo sanaa garuu agarsiisa ol aantummaa seeraa mul’isu kanaaf qophee hin turre jedha. Agarsiisi sun shaakala irra utuu jiruu qabamee sa’aatii afur keessattan biyya koo irraa ari’ame jechuun dubbatee jira.

Agarsiisi isaa kun waggoota 18 dura illee nama ka biroon hiikamee mana tiyaatira biyyolessaatti dhiyaatee ture. Garuu yeroo sanas waltajjiitti akka agarsiisamuuf eeyama hin arganne. Waggaa 18 booda garuu eeyama argatee waltajjiif dhiyaachuuf qophaa’uu isaa barreessaa kan ta’e Tekilee Dastaa VOAf ibsee jira jedha Iskindir Fireew Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG