Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Mormiin Uummataa Itti Fufee Jira


Prezidaantiin Sudaan Omar Al Bashir aangoo akka gadhisaniif gaafachuun hiriirri gaafatamuu torban sadaffaa qabatee jira.Kanneen Dilbata kaleessaa hiriiran kuma hedduu addaan diiguuf polisonni Gaaza himimaansuun gargaaraman.

Namoota ooguma adda addaa qaban kana akka Doktoroota, barsiisoota, Injineeroota kanneen biroo waamicha hojii dhaabinsa mormii dhiyeessaniif kaleessa Kaartuum keessatti hiriirri kun ba’ame.Polisoonnis Gaaza himimaansu hiriirtoota irratti bifuun deebii kennan.

Muddee 19 erga mormiin jalqabee as namnii 19 ajjeefamu mootummaan Sudaan ibsee jira. Gareen mirga dhala namaaf falmu Amnestii Intarnaashinaal akka jedhutti hiriira gaggeessuun eega jalqabamee as namonni 37 ajjefamnii jiran.

Angawoonni manneen barnootaa cufuun sochii uummataa ugguruun kutaalee hedduu keessatti labsii yeroo hatattamaa labsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG