Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaaliin Fonqolcha Mootummaa Fashlee Jira : Mootummaa Gaabon


Gaabon keessatti yaaliin fonqoolcha mootummaa kan gaggeeffame ta’uus mootummaan biyyatti deebi’ee to’achuu danda’uu isaa angawoonni har’a dubbatanii jiru.

Dubbi himaan mootummaa akka jedhanti hogganaan garee sochii patriyotiik kan ta’e Kelly Ondo Obiang qabamee jira. Garee kana kanneen hogganan nama shan keessaa Obiang hidhamuuf isa dhumaa ta’u isaati.

Looltoota lama kanneen yaalii mootummaa fonqolchuutti hidhata qabu jedhaman humnootii mootummaan ajjefaman.Dubbii himaan mootummaa akka jedhanti har’a gara galgalaa kana haalli jiru to’annaa jala olee jira

Prezidaantiin Gaabon Alii Bongoo dhukkubsatanii biyya ollaa taate Morokoo keessatti wal’anamaa jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG