WAASHINGITAN, DIISII —
Angawaan Mozambiik duraanii kan maallaqa liqaan biyyattiin argatte Biliyoona lama fudhatan jedhamuun himataman keessaa tokko har’a mana murtii Johanissburg duratti dhiyaatee jira.
Maanueel Chaang dhimmi himatamee kanaaf Yunaaytid Isteetesti dabarfamee kennamuuf jira.Abukaatoon Chaang garu dabarfamee kennamuu hin qabu gadhiifamuu qaba jedchuun falman.
Dhimmi kun Yakka ilaalcha wal xaxaa fi dheeraa kan addunyaa kanaa ti jedhameera. Anita Powelltu Johannesburg irra gabaasettetti.