Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Mootummaa Ameerikaa Hangi Tokko Amma Iyyuu Cufataa Dha


Prezidaantiin US Doonaald Traamp fi hoogganoonni dimokraatotaa kanneen Kongresa keessaa kaleessa TV irratti yaada kennaniin gam lamaanuu tattaaffii nageenya daangaa ni deggeru baasii jiru ilaalchisee garuu yaadi isaanii wal irraa fagoo jira.

Danqaan garee lamaan gidduu erga Muddee 22 qabee hojii mootummaa federaalaa nuusa ta’e akka cufamuuf sababaa ta’e.

Traamp White House irraa akka dubbatanitti baasii hededa daangaa ijaaruuf oolu raggaasisanii hojiin mootummaa deebisee akka banamu gochuun dhimmi dimokraatotaa ti jedhan. dhimmi isaa wal ga’ii hatattamaa tokkoon furamuu dandaa’a jedhanii hoogganoota Kongresii keesa jiran har’a mariif waamanii jiru.

Afaan yaa’iin mana maree bakka bu’ootaa Naansii Peloosii fi hoogganaan Senetii dimokraatotaa Chuck Schumer wal ta’uun haasaa Traampiif deebii kennaniin seera tumtoonni hojiin mootummaa akka banamuuf nageenya daangaaf baasiin raggaasisan jira jedhan.

Hojiin kun dhaabatee itti fufuun yoo Traamp baasii doolaara biliyoona 5.7 ededa daangaa Meksiikoo waliin jiru ijaaruuf gaafatan yoo dhiisuu didan qofa. Kun immoo milkaa’ina waan hin qabaannee fi qaalii dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG