Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammii Saaudii Taaylaanditti Baqatteef Dahati Akka Kennamu UNHCR Gaafate


Kan umuriin waggaa 18 Taaylaanditti baqatte lammiin Saaudii baqattuu dha, Awstraaliyaan dahata siyaasaa kennuufii qabdi jechuu dhaan jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisee jira.

Ministriin nageenya biyyaa Awstraaliyaa akka jedhetti yaada komiishinera ol aanaa tokkummaa mootummootaan kenname yaada keessa galchuu dhaan Rahaf Mohammed al-Qunun-n ni qubsiisa.

Al-Qunun maatii ishee kan yoo isheen Saaud Arabiyaatti deebite na ajjeesu jette jalaa baqachuu dhaan Kuweeti irraa Baankookiin kan seente Sambata darbe ture.

Duraan Taayilaandiin akka hin seenne dhorkamtee booda buufata xayyaaraa hoteela tokko keessatti cufattee suraa isee maxxansuu dhaan Twitter irratti ergaa addunyaan akka iseef birmatu gaafatu dabarsaa turte.

Qiyyaafati kennames angawoonni immigraaeshinii Taaylaand ka duraan Saaud Arabiyaatti ishee deebisuuf turan akka jijjiiran sababaa ta’e.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG